Mark 11:1-10
Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa
11:1‑10 kwf – Mat 21:1‑9; Luq 19:29‑38
11:7‑10 kwf – Yoh 12:12‑15
1Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge; 2akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa. 3Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa.” 4Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis, 5namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan. 6Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan. 7Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe. 8Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan. 9Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” ▼▼Hoosaaʼinaa! Hosaaʼinaa jechuun, “Amma fayyisi!” yookaan “Maaloo fayyisi!” jechuu dha.
“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” ▼
10“Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!”
“Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
Copyright information for
GazHAHl