‏ Mark 11:27-33

Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume

11:27‑33 kwf – Mat 21:23‑27; Luq 20:1‑8

27Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan. 28Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin.

29Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo deebii naaf kennaa; anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima. 30Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe? Mee natti himaa!”

31Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata; 32Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan.

33Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan.

Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
Copyright information for GazHAHl