Mark 11:7-10
7Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe. 8Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan. 9Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” ▼▼Hoosaaʼinaa! Hosaaʼinaa jechuun, “Amma fayyisi!” yookaan “Maaloo fayyisi!” jechuu dha.
“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” ▼
10“Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!”
“Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
Copyright information for
GazHAHl