Mark 12:1-12
Fakkeenya Qottuuwwanii
12:1‑12 kwf – Mat 21:33‑46; Luq 20:9‑19
1Yesuusis akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbachuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis iddoo dhaabaa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe. 2Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka inni ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa fiduufiif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. 3Isaan garuu qabanii, tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan. 4Ammas garbicha biraa isaanitti ergate; isaanis mataa isaa buruqsanii isa qaanessan. 5Amma illee garbicha biraa ergate; isas ni ajjeesan. Garboota biraa baayʼees ergate; isaanis gartokko ni tuman; kaan immoo ni ajjeesan. 6 “Amma iyyuu inni nama ergu tokko qaba ture; innis ilma isaa jaallatamaa dha. Namichis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee dhuma irratti isa ergate. 7 “Qottoonni sun garuu, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun keenya taʼaatii’ waliin jedhan. 8Kanaafuu isaan fuudhanii isa ajjeesan; iddoo dhaabaa wayinii keessaas gad baasanii isa gatan. 9 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa maal godhinna laata? Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata. 10Isin Katabbii Qulqulluu hin dubbifnee? Innis akkana jedha: “ ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan,dhagaa golee taʼeera;
11 kanas Gooftaatu godhe;
kunis ija keenyatti dinqii dha.’ ▼ ”
12Isaanis akka inni isaaniin mormuudhaan fakkeenya sana dubbate waan beekaniif isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan; kanaafuu isa dhiisanii qajeelan.
Copyright information for
GazHAHl