‏ Mark 12:13-17

Waaʼee Gibira Baasuu

12:13‑17 kwf – Mat 22:15‑22; Luq 20:20‑26

13Ergasii waan inni dubbatuun isa qabuuf jedhanii Fariisotaa fi garee Heroodis keessaa jara tokko Yesuusitti ergan. 14Isaanis gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate beekna. Ati waan fuula namaa hin ilaalleef namni kam iyyuu karaa irraa si hin jalʼisuutii; garuu ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiifta. Qeesaariif gibira baasuun eeyyamameera moo hin eeyyamamne? 15Haa baasnu moo haa dhiifnuu?”

Yesuus garuu fakkeessitummaa isaanii beekee, “Isin maaliif na qortu? Mee diinaarii
Hiikkaan tokko tokko saantima jedha. Saantimni maallaqaa kunis saantima mootummaa Roomaa ture. Innis fakkii fuula mootii Roomaa qofa utuu hin taʼin mormii mootiin sun amantii irratti qabus ni mulʼisa. Fakkeenyaaf Xibaariyoos mootichi bara sana saantima isaa irratti katabbii, “Xibaariyoos Qeesaar, ilma Awugisxoos Waaqichaa” jedhu qaba ture (Luq 3:1). Fakkii fuula namaa saantima irratti qabaachuun fuula Yihuudoota amantii qabanii duratti jibbisiisaa ture. Kitaaba qulqulluu keessattis dhowwameera (Bau 20:4; KeD 5:8).
tokko natti fidaa nan ilaalaa” jedheen.
16Isaanis diinaarii tokko isatti fidan; innis, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.

Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan.

17Kana irratti Yesuus, “Kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.

Isaanis isa dinqifatan.
Copyright information for GazHAHl