Mark 12:18-27
Gaaffii Waaʼee Duʼaa Kaʼuu
12:18‑27 kwf – Mat 22:23‑33; Luq 20:27‑38
18Ergasii Saduuqonni, duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan gara Yesuus dhufanii akkana jedhanii gaaffii tokko isa gaafatan; 19“Yaa barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin niitii isaa irraa duʼe, obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabuu jedhee Museen nuu barreesseera. 20Kunoo obboloota torbatu ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. 21Inni lammaffaanis ishee fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe. Inni sadaffaanis akkasuma taʼe. 22Torban isaanii iyyuu ijoollee hin dhalchine. Dhuma irratti dubartittiinis ni duute. 23Guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.” 24Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu mitii? 25Warri duʼan yommuu duʼaa kaʼanitti akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis. 26Waaʼee warri duʼan duʼaa kaʼuu garuu akka Waaqni Kitaaba Musee keessatti, daggala bobaʼu biratti, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’ ▼ jedhee isatti dubbate isin hin dubbifnee? 27Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti. Isin akka malee dogoggortaniirtu!”
Copyright information for
GazHAHl