‏ Mark 12:28-34

Ajaja Ajaja Hundumaa Caalu

12:28‑34 kwf – Mat 22:34‑40

28Barsiistota seeraa keessaa inni tokko dhufee wal falmuu isaanii dhagaʼe. Innis akka Yesuus deebii gaarii isaaniif kenne hubatee, “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.

29Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ajajni ajajawwan hunda caalu isa kana; ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi! Waaqayyo Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha. 30Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan jaalladhu.’ 31Inni lammaffaan immoo, isa kana; ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu.’ Ajajni ajajawwan kanneen caalu tokko iyyuu hin jiru.”

32Barsiisaan seeraa sunis akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ati dhugaa jette; Waaqa tokkicha malee Waaqni biraa hin jiruutii. 33Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan isa jaallachuun, ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaallachuun, qalma gubamuu fi aarsaa hunda caala.”

34Yesuusis yommuu akka inni hubannaadhaan deebise argetti, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Ergasii namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
Copyright information for GazHAHl