‏ Mark 12:35-37

Kiristoos Ilma Eenyuu ti?

12:35‑37 kwf – Mat 22:41‑46; Luq 20:41‑44

12:38‑40 kwf – Mat 23:1‑7; Luq 20:45‑47

35Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu akkana jedhee gaafate; “Barsiistonni seeraa maaliif Kiristoos ilma Daawit jedhu? 36Daawit mataan isaa iyyuu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee akkana jedhe: “ ‘Gooftichi Gooftaa kootiin,
“Hamma ani diinota kee,
miilla kee jala siif galchutti,
gara mirga koo taaʼi.” ’

37 Daawit mataan isaa iyyuu ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”

Tuunni guddaan sunis gammachuudhaan isa dhagaʼe.
Copyright information for GazHAHl