‏ Mark 14:1-11

Yesuus Biitaaniyaatti Shittoo Dibame

14:1‑11 kwf – Mat 26:2‑16

14:1,2,10,11 kwf – Luq 22:1‑6

14:3‑8 kwi – Yoh 12:1‑8

1Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan. 2Isaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.

3Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.

4Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif? 5Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii
Diinaariin dhibba sadii mindaa waggaatti hojjetaa tokkoof kaffalamu.
olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman.

6Yesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 7Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 8Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.
Yihuudoonni yommuu reeffa tokko awwaalaaf qopheessanitti shittootti fayyadamu ture (Mar 16:1).
9Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”

10Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe. 11Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
Copyright information for GazHAHl