‏ Mark 14:27-31

Yesuus Akka Phexros Isa Ganu Duraan Dursee Dubbate

14:27‑31 kwf – Mat 26:31‑35

27Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Ani tiksee nan rukuta;
hoolonnis ni bittinneeffamu.’

28 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”

29Phexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen.

30Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta” jedheen.

31Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
Copyright information for GazHAHl