‏ Mark 14:32-42

Geetesemaanee

14:32‑42 kwf – Mat 26:36‑46; Luq 22:40‑46

32Isaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis barattoota isaatiin, “Hamma ani kadhadhutti isin as taaʼaa” jedhe. 33Innis Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe. 34Innis, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa” jedheen.

35Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate. 36Innis, Aabbaa,
Afaan Araamaayikiitiin abbaa jechuu dha.
yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.

37Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee? 38Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”

39Ammas achi hiiqee waanuma duraan kadhate sana kadhate. 40Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne.

41Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama. 42Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
Copyright information for GazHAHl