Mark 14:55-65
55Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne. 56Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane. 57Tokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan: 58“ ‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.” 59Haa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane. 60Lubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate. 61Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine. Lubichi ol aanaan ammas, “Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate. 62Yesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe. 63Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? 64Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran. 65Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
Copyright information for
GazHAHl