‏ Mark 14:66-72

Phexros Yesuusin Ganuu Isaa

14:66‑72 kwf – Mat 26:69‑75; Luq 22:56‑62; Yoh 18:16‑18,25‑27

66Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte. 67Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte.

Isheenis, “Atis Yesuus nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen.

68Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.

69Xomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette. 70Inni garuu ammas ni gane.

Yeroo xinnoo booddee immoo warri achi dhadhaabachaa turan Phexrosiin, “Atis nama Galiilaa waan taateef dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha!” jedhaniin.

71Innis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.

72Yommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Yesuus, “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe.
Copyright information for GazHAHl