Mark 15:16-20
Loltoonni Yesuusitti Qoosuu Isaanii
15:16‑20 kwf – Mat 27:27‑31
16Ergasii loltoonni Yesuusin mana bulchaatti, jechuunis Piraayitooriyoonitti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas walitti waaman. 17Uffata dhiilgee ▼▼Uffata loltoota Roomaa kan wayyaa kaan irratti uffatamu.
itti uffisan; gonfoo qoraattiis micciiranii dhaʼanii isa irra kaaʼan. 18Isaanis, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii nagaa isa gaafachuu jalqaban. 19Uleedhaanis mataa isaa rukutan; isattis tufan. Jilbeenfataniis sagadaniif. 20Erga itti qoosanii booddee uffata diimaa dhiilgee sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
Copyright information for
GazHAHl