‏ Mark 15:22-32

22Isaanis iddoo Golgootaa jedhamutti Yesuusin geessan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha. 23Jarris akka inni daadhii wayinii kan qumbiin walitti makame dhuguuf kennaniif; inni garuu fudhachuu dide. 24Isaanis isa fannisan. Uffata isaas gargar qoodatanii tokkoon tokkoon namaa maal akka argatu murteessuuf ixaa buufatan.

25Yeroon isaan itti isa fannisanis ganama saʼaatii sadii ture. 26Katabbiin waan inni ittiin himatamee kan, Mooticha Yihuudootaa,

jedhu mataa isaatiin ol ture.

27Hattoota lamas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannisan. [ 28Kanaanis dubbiin kitaabni, “Inni akka seera cabsitootaatti lakkaaʼame” jedhu sun ni raawwatame.]
Waraabbileen tokko tokko luqqisaa 28 hin qaban.
29Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii, “Muu! Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, 30mee fannoo irraa gad buʼiitii of oolchi!” jedhan. 31Akkasumas luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa wajjin itti qoosan. Akkanas jedhan; “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! 32Akka nu arginee amannuuf Kiristoos mootichi Israaʼel kun mee amma fannoo irraa gad haa buʼu.” Warri isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
Copyright information for GazHAHl