‏ Mark 15:33-41

Yesuus Duʼuu Isaa

15:33‑41 kwf – Mat 27:45‑56; Luq 23:44‑49

33Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. 34Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee! Eloohee!
Waraabbileen tokko tokko Eelii, Eelii jedhu.
Laamaa Sabaqtaanii?” jedhee iyye. Hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.

35Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Ilaa, inni Eeliyaasin waamaa” jedhan.

36Namichi tokkos fiigee, ispoonjii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kennee, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee gad isa buusu arginaatii” jedhe.

37Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee hafuura dhumaa baafate.

38Golgaan mana qulqullummaas olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. 39Ajajaan dhibbaa kan fuula Yesuus dura dhaabachaa tures yommuu iyyuu Yesuus dhagaʼee akka inni itti hafuura dhumaa baafate argetti, “Dhugumaanuu namichi kun Ilma Waaqaa ture!” jedhe.

40Dubartoonni tokko tokkos fagoodhaa ilaalaa turan. Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuutii fi Yoosaa akkasumas Saloomee turan. 41Isaanis yeroo inni Galiilaa turetti isa duukaa buʼanii isa tajaajilaa turan. Dubartoonni isa wajjin Yerusaalemitti ol baʼan baayʼeen kaanis achi turan.
Copyright information for GazHAHl