‏ Mark 16:1-8

Yesuus Duʼaa Kaʼuu Isaa

16:1‑8 kwf – Mat 28:1‑8; Luq 24:1‑10

1Erga Sanbanni darbee booddee Maariyaam isheen Magdalaa, Maariyaam haati Yaaqoobii fi Saloomeen dhaqanii reeffa Yesuus dibuuf jedhanii urgooftuu bitan. 2Isaanis guyyaa jalqaba torbaan sanaa ganama barii, akkuma biiftuun baateen gara awwaalaa dhaqan; 3isaanis, “Eenyutu balbala awwaalaa irraa dhagaa sana nuu gangalcha?” waliin jedhan.

4Yommuu milʼatanii ilaalanitti garuu akka dhagaan baayʼee guddaan sun afaan awwaalaa irraa gangalfame argan. 5Isaanis awwaala keessa seenanii dargaggeessa uffata adii uffate tokko karaa mirgaatiin taaʼee arganii rifatan.

6Innis akkana isaaniin jedhe; “Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa. 7Garuu dhaqaatii barattoota isaatii fi Phexrositti, ‘Inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Akkuma isinitti hime sanas achitti isa ni argitu’ jedhaatii himaa.”

8Dubartoonni sunis hollachaa fi dinqisiifachaa gad baʼanii awwaalicha biraa baqatan. Sababii sodaataniifis nama tokkotti illee homaa hin himne.

[
Copyright information for GazHAHl