‏ Mark 2:18-22

Yesuus Waaʼee Soomaa Gaafatame

2:18‑22 kwf – Mat 9:14‑17; Luq 5:33‑38

18Barattoonni Yohannisii fi Fariisonni ni soomu turan. Namoonni tokko tokko dhufanii, “Barattoonni Yohannisii fi barattoonni Fariisotaa ni soomu; barattoonni kee garuu maaliif hin soomne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.

19Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu soomuu dandaʼu? Isaan hamma isa of biraa qabanitti soomuu hin dandaʼan. 20Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis gaafas ni soomu.

21 “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, erbeen haaraan sun uffata sana irraa tarsaasa; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala. 22Namni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin sun qalqalloo sana dhoosa; daadhichii fi qalqallichi horoomaa baʼu. Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo haaraatti naqamuu qaba.”
Copyright information for GazHAHl