‏ Mark 2:23-28

Yesuus Gooftaa Sanbataa Taʼuu Isaa

2:23‑28 kwf – Mat 12:1‑8; Luq 6:1‑5

3:1‑6 kwf – Mat 12:9‑14; Luq 6:6‑11

23Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas utuu isa wajjin deemaa jiranuu asheetii midhaanii cirachuu jalqaban. 24Fariisonnis, “Ilaa, isaan maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjetu?” jedhaniin.

25Innis akkana jedhee deebise; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanii fi rakkatanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee? 26Bara Abiyaataar luba ol aanaa ture keessa, inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffame kan akka luboonni qofti nyaataniif eeyyamame sana nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis ni kenne.”

27Yesuusis akkana jedheen; “Sanbatatu namaaf uumame malee namni Sanbataaf hin uumamne. 28Kanaafuu Ilmi Namaa Sanbataaf illee Gooftaa dha.”

‏ Mark 3:1-6

Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyisuu Isaa

1Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture. 2Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan. 3Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe.

4Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.

5Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye. 6Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.
Copyright information for GazHAHl