Mark 4:30-32
Fakkeenya Sanyii Sanaaficaa
4:30‑32 kwf – Mat 13:31,32; Luq 13:18,19
30Ammas inni akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina? 31Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata. 32Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”
Copyright information for
GazHAHl