Mark 5:35-43
35Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?” jedhan. 36Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, “Amani malee hin sodaatin!” jedhe. 37Innis Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne. 38Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. 39Innis ol seenee, “Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune” jedheen. 40Isaan garuu isatti kolfan. Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. 41Innis harka ishee qabee, “Xaaliitaa quumii!” jedheen; kunis, “Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!” jechuu dha. 42Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan. 43Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
Copyright information for
GazHAHl