Mark 6:14-16
Ajjeefamuu Yohannis Cuuphaa
6:14‑29 kwf – Mat 14:1‑12
6:14‑16 kwf – Luq 9:7‑9
14Heroodis mootichi waaʼee waan kanaa dhagaʼe; maqaan Yesuus sirriitti beekamee tureetii. Namoonni tokko tokko, “Yohannis cuuphaan warra duʼan keessaa kaafameera; sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhan. 15Warri kaan, “Inni Eeliyaas” jedhan. Kaan immoo, “Inni raajota durii keessaa akka isa tokkoo ti” jedhan. 16Heroodis garuu yommuu waan kana dhagaʼetti, “Yohannis isa ani mataa isaa irraa kutetu warra duʼan keessaa kaafame!” jedhe.
Copyright information for
GazHAHl