Mark 6:32-44
32Isaanis kophaa isaanii bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqan. 33Namoonni deemuu isaanii argan baayʼeen garuu isaan beekan; magaalaawwan hunda keessaa baʼanii miillaan fiiganii isaan dursanii iddoo sana gaʼan. 34Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis sababii isaan akkuma hoolota tiksee hin qabnee turaniif garaa laafeef. Kanaafuu inni waan baayʼee isaan barsiisuu jalqabe. 35Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. 36Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi.” 37Inni garuu, “Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise. Isaanis, “Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?” jedhaniin. 38Innis, “Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” jedheen. Isaanis yommuu arganitti, “Buddeena shanii fi qurxummii lama” jedhan. 39Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. 40Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. 41Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. 42Isaan hundi nyaatanii quufan; 43barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 44Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.
Copyright information for
GazHAHl