Mark 6:45-51
Yesuus Galaana Irra Deemuu Isaa
6:45‑51 kwf – Mat 14:22‑32; Yoh 6:15‑21
6:53‑56 kwf – Mat 14:34‑36
45Yesuus yommusuma akka barattoonni isaa bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gara Beetisayidaatti darbaniif isaan dirqisiise. 46Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf gaaratti ol baʼe. 47Yommuu galgalaaʼettis bidiruun sun galaana walakkaa ture; Yesuus immoo kophaa isaa lafa irra ture. 48Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate; 49isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan; 50isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii. Inni immoo, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee yommusuma isaanitti dubbate. 51Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan;
Copyright information for
GazHAHl