Mark 6:7-11
7Warra Kudha Lamaan ofitti waamee lama lamaan isaan erguu jalqabe; hafuurota xuraaʼoo irrattis taayitaa kenneef. 8Akkana jedhees isaan ajaje: “Adeemsa keessaniif ulee malee waan tokko illee jechuunis buddeenaa fi korojoo hin qabatinaa; sabbata keessanitti immoo maallaqa hin guduunfatinaa. 9Kophee kaaʼadhaa; garuu kittaa lama hin uffatinaa. 10Yeroo mana tokko seentan kam iyyuu, hamma magaalaa sanaa baatanitti manuma sana turaa. 11Yoo iddoon kam iyyuu isin simachuu baate yookaan isin dhagaʼuu baate, iddoo sanaa baʼaatii akka ragaa isaanitti taʼuuf awwaara miilla keessanii dhadhaʼadhaa.”
Copyright information for
GazHAHl