Mark 7:31-37
Namichi Duudaa fi Arrab-didaan Tokko Fayyuu Isaa
7:31‑37 kwf – Mat 15:29‑31
31Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe. 32Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan. 33Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe. 34Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, “Eftaah!” jedheen; kana jechuunis “Banami!” jechuu dha. 35Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe. 36Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan. 37Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, “Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha” jedhan.
Copyright information for
GazHAHl