‏ Mark 8:11-21

11Fariisonnis dhufanii Yesuusitti falmuu jalqaban; isa qoruuf jedhaniis mallattoo samii irraa isa irraa barbaadan. 12Innis hafuura dheeraa baafatee, “Dhaloonni kun maaliif mallattoo barbaada? Ani dhuguma isinitti hima; mallattoon tokko iyyuu dhaloota kanaaf hin kennamu” jedheen. 13Innis isaan dhiisee bidiruutti deebiʼee gama ceʼe.

Raacitii Fariisotaa

14Barattoonnis buddeena tokkicha bidiruu keessaa of biraa qaban sana malee buddeena fudhachuu irraanfatanii turan. 15Yesuusis, “Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi raacitii Heroodis irraa of eeggadhaa” jedhee isaan akeekkachiise.

16Isaanis, “Kun sababii nu buddeena hin qabneef” jedhanii walii wajjin haasaʼan.

17Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee isaan gaafate; “Isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii dudubbattu? Isin amma iyyuu hin argitanii? Yookaan hin hubattanii? Mataa jabaattanii? 18Isin utuma ija qabdanuu hin argitanii? Utuma gurra qabdanuus hin dhageessanii? Hin yaadattanii? 19Yeroo ani buddeena shanan sana nama kuma shaniif caccabsetti isin hurraaʼaa gundoo meeqa guutuu kaaftan?”

Isaanis, “Kudha lama” jedhaniin.

20Innis, “Yeroo ani buddeena torba nama kuma afuriif caccabsetti hambaa gundoo meeqa guutuu walitti qabdan?” jedhee gaafate.

Isaanis, “Torba” jedhaniin.

21Innis, “Isin amma iyyuu hin hubattanii?” jedheen.
Copyright information for GazHAHl