Mark 9:2-13
Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa
9:2‑8 kwf – Luq 9:28‑36
9:2‑13 kwf – Mat 17:1‑13
2Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa ▼▼Akka hubannaa Yihuudootaatti tulluun ol dheeraan iddoo mijaaʼaa itti Waaqni namatti of mulʼisuu dha.
tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. 3Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate. 4Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan. 5Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. 6Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii. 7Duumessis ▼ dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe. 8Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine. 9Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje. 10Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan. 11Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan. 12Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree? 13Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
Copyright information for
GazHAHl