‏ Mark 9:2-8

Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa

9:2‑8 kwf – Luq 9:28‑36

9:2‑13 kwf – Mat 17:1‑13

2Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa
Akka hubannaa Yihuudootaatti tulluun ol dheeraan iddoo mijaaʼaa itti Waaqni namatti of mulʼisuu dha.
tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame.
3Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate. 4Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan.

5Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe. 6Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.

7Duumessis
Duumessi argamuu Waaqaa mulʼisa (Bau 13:21‑22; 16:10; 19:9; 2Sn 5:13‑14).
dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.

8Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine.
Copyright information for GazHAHl