‏ Matthew 11:2-19

2Yohannis mana hidhaa taaʼee yommuu waan Kiristoos hojjechaa ture dhagaʼetti barattoota isaa ergee, 3“Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee isa gaafate.

4Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Deebiʼaatii waan dhageessanii fi waan argitan Yohannisitti himaa; 5jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis wangeelli ni lallabama. 6Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”

7Akkuma barattoonni Yohannis baʼanii qajeelaniin, Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo? 8Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatan masaraa moototaa jiru. 9Yoos maal arguu baatan ree? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu. 10Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha. “ ‘Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan
karaa kee qopheessu, si dura nan erga.’

11 Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis Cuuphaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa samii keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala. 12Mootummaan samii bara Yohannis Cuuphaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu. 13Raajonni hundinuu, Seerris hamma Yohannis Cuuphaatti raajii dubbataniiruutii. 14Isinis kana fudhachuuf yoo fedhii qabaattan, inni Eeliyaas isa dhufuuf jiruu dha. 15Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu.

16 “Ani dhaloota kana maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa? Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii warra kaan waamanii akkana jedhanii ti: 17 “ ‘Nu ulullee isinii afuufne;
isin garuu hin sirbine;
faaruu booʼichaas faarsine;
isin garuu hin boonye.’

18 Yohannis yeroo dhufetti hin nyaatu, hin dhugus tureetii; isaan immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jedhu. 19Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isaan immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jedhu. Ogummaan garuu hojii isheetiin mirkaneeffamti.”
Copyright information for GazHAHl