Matthew 11:25-27
Boqonnaa Abdachiifame
11:25‑27 kwf – Luq 10:21,22
25Yesuus yeroo sana akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. 26Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii. 27 “Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.
Copyright information for
GazHAHl