Matthew 12:1-8
Gooftaa Sanbataa
12:1‑8 kwf – Mar 2:23‑28; Luq 6:1‑5
12:9‑14 kwf – Mar 3:1‑6; Luq 6:6‑11
1Yesuus yeroo sana guyyaa Sanbataatiin lafa qotiisaa midhaanii keessa darbe. Barattoonni isaas beelaʼanii asheetii midhaanii ciratanii nyaachuu jalqaban. 2Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Ilaa! Barattoonni kee waan guyyaa Sanbataatiin hojjechuun seeraan hin eeyyamamne hojjetu” jedhaniin. 3Innis akkana jedhee deebise; “Yeroo Daawitii fi warri isa wajjin turan beelaʼanitti waan Daawit godhe isin hin dubbifnee? 4Inni mana Waaqaa seene; innii fi warri isa wajjin turanis buddeena kennaa nyaatan; buddeenni sun immoo luboota qofaaf malee isaaniif hin eeyyamamu ture. 5Yookaan akka luboonni mana qulqullummaa keessaa guyyaa Sanbataatiin Sanbata xureessan, taʼus akka yakka taʼee isaanitti hin hedamne isin Seera keessatti hin dubbifnee? 6Ani isinitti nan hima; kan mana qulqullummaa caalu as jira. 7Isin, utuu dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ ▼ jedhu sun maal jechuu akka taʼe beektanii jiraattanii silaa warra yakka hin qabnetti hin murtan ture. 8Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataatii.”
Copyright information for
GazHAHl