Matthew 12:46-50
Haadhaa fi Obboloota Yesuus
12:46‑50 kwf – Mar 3:31‑35; Luq 8:19‑21
46Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan. 47Namni tokkos, “Haati keetii fi obboloonni kee si wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabatu” jedhee isatti hime. 48Innis deebiseefii, “Haati koo eenyu? Obboloonni koos eenyu faʼi?” jedheen. 49Harka isaas gara barattoota isaatti qabee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti. 50Namni fedhii Abbaa koo isa samii irraa guutu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”
Copyright information for
GazHAHl