Matthew 13:2-23
2Tuunni namootaa guddaan naannoo isaatti walitti qabame; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa dhadhaabachaa jiranuu, inni bidiruu yaabbatee taaʼe. 3Innis akkana jedhee waan baayʼee fakkeenyaan isaanitti hime; “Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. 4Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan. 5Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile. 6Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge. 7Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe. 8Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼee achitti ija naqate; garri tokko dachaa dhibba, kaan dachaa jaatama, kaan immoo dachaa soddoma naqate. 9Namni gurra qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.” 10Barattoonnis gara isaa dhufanii, “Ati maaliif fakkeenyaan namootatti dubbatta?” jedhanii isa gaafatan. 11Innis akkana jedhee deebiseef; “Icciitii mootummaa samii beekuun isiniif kennameera; isaaniif garuu hin kennamne. 12Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaata. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama. 13Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana: “Isaan utuma ilaalanuu hin argan;utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.
14 Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha: “ ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;
ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.
15 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;
gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;
ija isaaniis dunuunfataniiru.
Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,
gurra isaaniitiin dhagaʼanii,
qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan;
anis isaan nan fayyisa ture.’ ▼
16 Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha. 17Ani dhuguma isinittin himaatii; raajonnii fi qajeeltonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu hawwan; garuu hin argine; waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu hawwan; garuu hin dhageenye. 18 “Egaa fakkeenyi namicha sanyii facaasuu maal akka taʼe dhagaʼaa: 19Yoo namni kam iyyuu dubbii mootummichaa dhagaʼee hubachuu baate, inni hamaan sun dhufee waan garaa isaa keessatti facaafame sana butata. Kun sanyii karaa irratti facaafamee dha. 20Sanyiin lafa kattaa irratti facaafame, nama dubbicha dhagaʼee yommusuma gammachuun fudhatuu dha. 21Garuu inni waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa tura. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti inni dafee gufata. 22Sanyiin qoraattii keessatti facaafame sunis nama dubbicha dhagaʼu argisiisa; garuu yaaddoon addunyaa kanaatii fi gowwoomsaan qabeenyaa dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. 23Sanyiin biyyoo gaarii irratti facaafame garuu nama dubbicha dhagaʼee hubatu argisiisa. Innis ija kenna; garri tokko dhibba, kaan jaatama, kaan immoo soddoma naqata.”
Copyright information for
GazHAHl