Matthew 14:13-21
Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa
14:13‑21 kwf – Mar 6:32‑44; Luq 9:10‑17; Yoh 6:1‑13
14:13‑21 kwi – Mat 15:32‑38
13Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan. 14Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef. 15Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin. 16Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise. 17Isaanis, “Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna” jedhanii deebisan. 18Yesuusis, “Isuma natti fidaa” jedhe. 19Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan. 20Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. 21Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.
Copyright information for
GazHAHl