Matthew 14:22-33
Yesuus Bishaan irra Deeme
14:22‑33 kwf – Mar 6:45‑51; Yoh 6:15‑21
14:34‑36 kwf – Mar 6:53‑56
22Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise. 23Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture; 24yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte. 25Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. 26Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, “Kun ekeraa dha” jedhanii iyyan. 27Yesuus garuu yommusuma, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee isaanitti dubbate. 28Phexros immoo, “Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji” jedhee deebiseef. 29Yesuusis, “Kottu” jedheen. Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe. 30Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, “Yaa Gooftaa na oolchi!” jedhee iyye. 31Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?” jedheen. 32Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe. 33Warri bidiruu sana keessa turanis, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!” jedhanii isaaf sagadan.
Copyright information for
GazHAHl