Matthew 14:34-36
34Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan. 35Namoonni iddoo sanaas yommuu Yesuusin beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan; 36akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
Copyright information for
GazHAHl