Matthew 15:1-20
Wantoota Nama Xureessan
15:1‑20 kwf – Mar 7:1‑23
1Ergasii Fariisonnii fi barsiistonni seeraa tokko tokko Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii, 2“Barattoonni kee maaliif duudhaa maanguddootaa cabsu? Isaan yommuu buddeena nyaatanitti harka hin dhiqataniitii!” jedhan. 3Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu? 4Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; ▼ namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’ ▼ jedheeraatii. 5Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate, 6inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu. 7Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe: 8 “ ‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja;garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
9 Isaan akkanumaan na waaqeffatu;
barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’ ▼ ”
10Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; “Dhagaʼaa; hubadhaas. 11Waan afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee wanni afaan namaa seenu nama hin xureessu.” 12Ergasii barattoonni gara isaa dhufanii, “Ati akka Fariisonni dubbii kana dhagaʼanii mufatan beektaa?” jedhanii gaafatan. 13Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama. 14Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.” 15Phexrosis, “Mee hiikkaa fakkeenya kanaa nuu ibsi” jedheen. 16Yesuus immoo akkana jedhee isaan gaafate; “Isinis hamma ammaatti hin hubattanii? 17Akka wanni afaan seenu kam iyyuu garaa seenee achumaan darbee dhagna keessaa baʼu hin argitanii? 18Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa. 19Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii. 20Wantoota kanneentu nama ‘xureessa’ malee utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”
Copyright information for
GazHAHl