‏ Matthew 15:21-28

Amantii Dubartii Kanaʼaan Tokkoo

15:21‑28 kwf – Mar 7:24‑30

21Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele. 22Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette.

23Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi” jedhanii isa kadhatan.

24Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.

25Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, “Yaa Gooftaa na gargaari!” jette.

26Innis, “Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedhee deebise.

27Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu” jettee deebifteef.

28Yesuusis, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu” jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.
Copyright information for GazHAHl