‏ Matthew 15:32-38

32Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, “Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu” jedhe.

33Barattoonni isaas deebisanii, “Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?” jedhan.

34Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate.

Isaanis deebisanii, “Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna” jedhan.

35Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. 36Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan. 37Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. 38Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture.
Copyright information for GazHAHl