Matthew 17:1-13
Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa
17:1‑8 kwf – Luq 9:28‑36
17:1‑13 kwf – Mar 9:2‑13
1Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase. 2Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate. 3Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan. 4Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara” jedhe. 5Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhe. 6Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman. 7Yesuus garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, “Kaʼaa! Hin sodaatinaa” jedheen. 8Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee hin argine. 9Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, “Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa” jedhee isaan seerrate. 10Barattoonnis, “Yoos barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?” jedhanii isa gaafatan. 11Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan, Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa. 12Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira.” 13Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yohannis Cuuphaa taʼe hubatan.
Copyright information for
GazHAHl