Matthew 17:14-19
Gurbaa Gaggabdoodhaan Qabame Tokko
17:14‑19 kwf – Mar 9:14‑28; Luq 9:37‑42
14Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate; 15akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa. 16Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.” 17Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!” jedhe. 18Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye. 19Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Yesuus dhufanii, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii isa gaafatan.
Copyright information for
GazHAHl