Matthew 19:1-9
Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii
19:1‑9 kwf – Mar 10:1‑12
1Yesuus erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe. 2Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise. 3Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, “Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?” jedhanii gaafatan. 4Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’ ▼ hin dubbifnee? 5Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’ ▼ 6Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin.” 7Isaanis, “Yoos Museen maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?” jedhanii isa gaafatan. 8Yesuusis akkana jedhee deebise; “Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre. 9Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”
Copyright information for
GazHAHl