‏ Matthew 20:20-28

Gaaffii Haadha Ilmaan Zabdewoos

20:20‑28 kwf – Mar 10:35‑45

20Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.

21Yesuusis, “Ati maal barbaadda?” jedheen.

Isheenis, “Akka ilmaan koo kunneen lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko mirga keetiin, inni kaan immoo bitaa keetiin taaʼu naa godhi” jetteen.

22Yesuus immoo, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?” jedheen.

Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan.

23Yesuusis, “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti” jedheen.

24Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran. 25Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu. 26Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; 27namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba; 28Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
Copyright information for GazHAHl