Matthew 20:25-28
25Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu. 26Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba; 27namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba; 28Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
Copyright information for
GazHAHl