Matthew 21:1-9
Yesuus Akka Mootiitti Yerusaalem Seenuu Isaa
21:1‑9 kwf – Mar 11:1‑10; Luq 19:29‑38
21:4‑9 kwf – Yoh 12:12‑15
1Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Yesuus barattoota lama erge; 2akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa. 3Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga.” 4Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha: 5“Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa;‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee,
harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis
harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ ” ▼
6Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan. 7Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe. 8Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan. 9Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!”
“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” ▼
“Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
Copyright information for
GazHAHl