Matthew 21:23-27
Taayitaan Yesuus Gaaffii Uume
21:23‑27 kwf – Mar 11:27‑33; Luq 20:1‑8
23Utuu Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?” jedhanii gaafatan. 24Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima. 25Cuuphaan Yohannis eessaa dhufe? Samii irraa moo nama biraa dhufe?” Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha. 26Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yohannisin akka raajiitti ilaaluutii.” 27Kanaaf isaan, “Hin beeknu!” jedhanii Yesuusiif deebisan. Inni immoo akkana jedhe; “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu.”
Copyright information for
GazHAHl