‏ Matthew 21:4-9

4Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha: 5“Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa;
‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee,
harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis
harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’ ”

6Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan. 7Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe. 8Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan. 9Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!”

“Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”

“Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
Copyright information for GazHAHl