Matthew 22:41-46
Kiristoos Ilma Eenyuu ti?
22:41‑46 kwf – Mar 12:35‑37; Luq 20:41‑44
41Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate; 42innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe. Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan. 43Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii: 44 “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin:“Hamma ani diinota kee
miilla kee jala siif galchutti
gara mirga koo taaʼi” ▼ jedhe.’
45 Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?” 46Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
Copyright information for
GazHAHl