Matthew 23:37-39
37 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne. 38Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. 39Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”
Copyright information for
GazHAHl